Skip to main content
. 2021 Jul 12;18(14):7435. doi: 10.3390/ijerph18147435

Table 4.

The diabetes quality of life-Afaan Oromoo version (in Afaan Oromoo) among people living with type 2 diabetes attending Nekemte Specialized Hospital, 2020 (n = 417).

Qajeelfama: Maaloo tokkoon tokkoon hima armaan gadii sirriitti dubbisaa. Hagam akka haala jireenya keessan yeroo ammaa kan gaaffilee keessatti ibsaman itti quuftan ykn hin quufiin agarsiisaa. Lakkoofsa sirriitti miira keessan ibsu itti maraa. Nuti yaada keessan qofa baruu barbaanneeti malee gaaffilee kanaaf deebiin sirrii ykn dogoggoraa hin jiru.
Koodii Gaaffiilee ijoo Deebii
Itti quufiinsa Baay’ee itti quufeera Giddu-galeessaan itti quufeera Giddu galeessa Giddugaleessaan itti hin quufne Baay’een itti hin quufnee
1 Dhukkuba sukkaaraa keessan yaalamuuf yeroo isinitti fudhatu ilaalchisee hagam itti quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
2 Dhukkuba sukkaaraa keessan ilaalamuuf yeroo isinitti fudhatu ilaalchisee hagam itti quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
3 Hanga sukkaara keessan baruuf yeroo isinitti fudhatu ilaalchisee hagam itti quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
4 Yaalii amma isiniif godhamaa jirutti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
5 Jijjiirama haala soorata keessan keessatti qabdanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
6 Ba’aa/dhiibbaa dhukkubni sukkaaraa keessan maatii keessan irraan ga’aa jirutti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
7 Haala hirriba keessanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
8 Walitti-dhufeenya hawaasummaa fi hiriyummaa qabdanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
9 Haala wal-quunnamtii saalaa qabdanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
10 Gochaalee bakka hojiitti, mana-barumsaatti, akkasumas mana keessan keessatti raawwattanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
11 Dhaabbii/bifa qaama keessanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
12 Sochii ga’uumsa qaamaa gochuuf yeroo fudhattanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
13 Yeroo bashannanaa qabdanitti hagam quufiinsa qabdu? 1 2 3 4 5
Qajeelfama: Maaloo wantootni armaan gadii hagam deddeebi’anii akka isin mudatan argisiisaa. Lakkoofsa sirriidha jettanitti maraa.
Gaaffiilee ijoo Deebii
Dhiibbaa dhukkubichi isin irraan gahu Tasa nah in mudanne Baay’ee turee Darbee darbee Deddeebi’ee Yeroo mara
1 Dhukkubbiin (miidhaan) yaalii dhukkuba sukkaaraa keessan waliin walqabatu hagam deddeebi’ee isinitti dhaga’ama? 1 2 3 4 5
2 Waa’ee dhibee sukkaaraa keessaniin wal-qabateen hawaasa gidduutti hagam deddeebitanii qaanoftanii/yeelloftanii/beektu? 1 2 3 4 5
3 Dhukkubbiin qaamaa hagam deddeebi’ee isinitti dhaga’ama? 1 2 3 4 5
4 Dhukkubni sukkaaraa keessan jireenya maatii keessan keessa hagam deddeebi’ee isin duraa seena/jeeqa? 1 2 3 4 5
5 Hirriba halkanii badaa hagam deddeebitanii qabaattu? 1 2 3 4 5
6 Dhukkubni sukkaaraa keessan walitti-dhufeenya hawaasummaafi hiriyummaa keessan hagam deddeebi’ee utuu daangessuu argitu? 1 2 3 4 5
7 Haala soorannaa keessaniin daangeffamuun hagam deddeebi’ee isinitti dhaga’ama? 1 2 3 4 5
8 Dhukkubni sukkaaraa keessan haala quunnamtii saalaa keessan keessa hagam deddeebi’ee isin duraa seena? 1 2 3 4 5
9 Dhukkubni sukkaaraa keessan konkolaataa oofuurraa ykn maashinii fayyadamuu (fkn maashinii barreeffamaa) ykn hojii guyyaa guyyaan hojjattan irraa hagam deddeebi’ee isin dhorka? 1 2 3 4 5
10 Dhukkubni sukkaaraa keessan sochii ga’uumsa qaamaa isin gootan keessa hagam deddeebi’ee isin duraa seena? 1 2 3 4 5
11 Sababa dhukkuba sukkaaraa keessaniin bakka hojii, mana barumsaa ykn hojii mana keessaa hagam deddeebitanii irraa haftu? 1 2 3 4 5
12 Dhukkuba sukkaaraa qabaachuu jechuun maal akka ta’e utuu ibsitanii hagam deddeebitanii of agartu? 1 2 3 4 5
13 Dhukkubni sukkaaraa keessan kun yeroo bashannanaa keessan utuu addaan-kutuu hagam deddeebitanii argitu? 1 2 3 4 5
Qajeelfama: Maaloo taateewwan armaan gadii hagam deddeebi’anii akka isin quunnaman argisiisaa. Lakkoofsa sirriitti miira keessan isiniif ibsutti maraa. Gaaffichi isin hin ilaallatu yoo ta’emmoo, ‘na hin ilaallatu’ kan jedhutti maraa.
Gaaffiilee ijoo waa’ee yaaddoo hawaasummaa/hojii ogummaa Tasuma Baay’ee turee Darbee darbee Deddeebi’ee Yeroo mara Na hin ilaallatu
1 Gara fuulduraatti waa’ee gaa’ela dhaabbachuu keessan hagam deddeebitanii yaaddoftu? 1 2 3 4 5 0
2 Gara fuulduraatti waa’ee ijoollee argachuu keessan hagam deddeebitanii yaaddoftu? 1 2 3 4 5 0
3 Gara fuulduratti dhibee kana irraan kan ka’e waa’ee hojii barbaaddan argachuu dhabuu keessan hagam deddeebitanii yaaddoftu? 1 2 3 4 5 0
4 Hojiikoo irraan hafaa laata jettanii hagam deddeebitanii yaaddoftu? 1 2 3 4 5 0
5 Boqonnaaf ykn bashannanaaf bakka biraa deemuu danda’uu keessan hagam deddeebitanii yaaddoftu? 1 2 3 4 5 0
Dubbii ijoo yaaddoo dhukkuba-sukkaaraan wal qabatan Deebii
1 Dhukkubni kun na of-wallaalchisaa laata jettanii hagam deddeebitanii yaadoftu? 1 2 3 4 5 0
2 Sababa dhukkuba sukkaaraa kanaaf qaamnikoo ni jijjiirame jettanii hagam deddeebitanii yaaddoftu? 1 2 3 4 5 0
3 Sababa dhukkuba-sukkaaraa keessaniin kan ka’e dhibeen walxaxaan natti dhufa jettanii hagam deddeebitanii yaaddoftu? 1 2 3 4 5 0